Fana: At a Speed of Life!

Tajaajillichi eegdota rippaabilikanii fi qondaaltota mana hojichaa leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa eegdota rippaabilikanii fi qondaaltota mana hojichaa, tajaajila eegumsa, qondaaltota nageenyaa balalii fi hoggantoota leenjisaa ture eebbisiise.

Tajaajilichi ibsa FBC’f ergeen, dhaabbilee nageenya odeeffanoo biyya alaa walta’iinsaa fi tumsaan hojjetu waliin ta’uun leenjiin qopheesse, eegumsa nageenya qondaaltota VIP, mahaandisummaa fanjii, itti fayyadama diroonii fi kenniinsa deebii balaa irratti xiyyeeffachuun kan kennaman ta’uu eereera.

Ittaanaan Daayrektara Jeneralaa Tajaajilichaa Obbo Siisaay Tolaa sirna eebbichaarratti akka jedhanitti, balaan yoomessaa akka mudatu tilmaamuun waan hindanda’ameef, leenjii fi shaakalaan ga’oomanii qophaa’uun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Kanaafis, Tajaalilli Nageenya Odeeffannoo hoggantoota biyyaa, bu’uuraalee misoomaa murteessoo balaarraa eeguu fi nageenya balalii mirkaneessuuf ergama isaa ga’umsaan raawwachuuf, qabeenya humna namaa walitti fufiinsaan leenjiin ga’oomsaa jiraachuu dubbataniiru.

Leenjitootaaf, leenjiin yaadiddama, gochaa fi teeknooloojiin deeggarame kennamuun raawwii milkaa’aa dhaabbatummaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Koolleejjii Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Wandasan Kaasaa gama isaaniin, eegdonni nageenya qondaaltota VIP eeguuf beekumsa, hubannaa fi naamuma barbaachisaa qabaachuu qabu jedhan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.