Fana: At a Speed of Life!

Tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf waamicha dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Hajjii Muuftii Idriis tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf waamicha dhiyeessan.

Daldaltoonnii fi abbootiin qabeenyaa harka qalleeyyiif sadaqaa fi tumsa akka taasisu gaafataniiru.

Yeroo rakkinaa eeguun daballii gatii hin malle taasisuun barbaachisaa akka hin taanes hubachiisaniiru.

Mootummaanis tarkaanfii seeraa fudhatu akka itti fufu gaafataniiru.

Salaata Jum’aa dabalatee yeroo hordoftoonni amantichaa itti heddummaatanirratti murteen haaraa darbe akka hin jirre ibsanii, amma murteen haaraan jiraatutti of eeggannoo akka taasisan dhaamniiru.

Hunduu Waaqa kadhachaa, gorsa ogeeyyii fayyaa akka hordofu dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.