Fana: At a Speed of Life!

Tapha Waancaa Addunyaan har’a taphni Ekkuwaadoorii fi Seeneegaal gidduutti taphatamu si’oominaan eegama

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015 (FBC) – Tapha Waancaa Addunyaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu.

Har’a galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee taphni Ekkuwaadoorii fi Seeneegaal gidduutti taphatamu si’oomina olaanaan eegamaa jira.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Neezarlaandi Kuwaataar waliin ni taphatu.

Sa’aatii 4:00 irraa jalqabee Iraan USA,Weelsi Ingilaandi waliin taphatu.

Seeneegaal tapha moo’atanii darbuuf ce’uuf har’a dirqama Ekkuwaadoor injifachuutu irraa eegama.

Ekkuwaadoor qixa ba’uun qofti marsaa itti aanuuf ni qaqqabsiisa.

Dirree siyaasaan mormii cimaa keessa kan jiran Ameerikaa fi Iraan waggoota 24 booda har’a dirree Kubbaa miilaarratti walga’u.

Ameerikaan marsaa itti aanuuf darbuuf taphicha moo’achuun dirqama yoo ta’uu, Iraan qixa baanaan marsaa itti aanuuf ni dabarti.

Sababoota kanneeniin falmiin biyyoota lamaan gidduutti taasiifamu gama Siyaasaanis ta’ee gama Kubbaa Miilani hiikoo guddaa qaba.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.