Fana: At a Speed of Life!

Taphni Darbii Shaggar yeroo jalqabaaf Dubaayitti taphatamuufi

Finfinnee, Guraandhala 4, 2016 (FBC) – Taphni Darbii Shaggar yeroo jalqabaaf Emireetoota Araba Gamtoomanii Magaalaa Dubaayitti taphatamuufi ta’uu ibsame.

Kilaboonni lamaan Magaalaa Finfinnee Qiddus Giyoorgisii fi Bunni Itiyoophiyaa Guraandhala 16, 2016 Dubaayitti taphachuuf ta’uu ibsa miidiyaaleef kennaniin beeksisaniiru.

Turtii Guraandhala 14-17, 2016tti Dubaayitti taasiifamuun sagantaaleen galii walitti qabuu kan gaggeeffamu ta’uu Waldaan Kilaboota lamaanii ibsaniiru.

Murtoon kun kilaboonni Itiyoophiyaa muuxannoo idil addunyaa akka argataniif kan gargaaruu fi hariiroo Itiyoophiyaan Emireetoota Araba Gamtoomanii waliin qabdu kan cimsu ta’uu eerameera.

Taphni darbii shaggar kun Teeleeviizyiin tamsaasa kallattii kan argatu ta’uu himameera.

Warqinaa Gaashaahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.