Fana: At a Speed of Life!

Taphni walakkaa xumuraa waancaa Afrikaa har’a Burkiinaafaasoo fi Seeneegaal gidduutti ni gaggeeffama

Finfinnee, Amajjii 25, 2014 (FBC) – Taphni moo’anii darbuu walakkaa xumuraa waancaa Afrikaa 33ffaa har’a Burkiinaafaasoo fi Seeneegaal gidduutti gaggeeffamu xiyyeefffannoo argateera.
Tapha waancaa Afrikaa 33ffaa qopheessummaa Kaameeruun gaggeeffamaa jiruun Seeneegaalii, Burkiinaafaasoo, Kaameeruunii fi Ijipti walakkaa xumuraaf darbuun kan yaadatamuudha.
Taphni har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegaluun Burkiinaafaasoo fi Seeneegaal gidduutti taphatamu hawwiin eegamaa jira.
Tapha nuusa xumuraan Seeneegaalaa Ikkuwaatooriyaan Giinii, Burkiinaafaasoon Tuuniziyaa injifachuun tapha moo’anii darbuu walakkaa xumuraa kanaaf walitti dhufaniiru.
Taphni kun har’a Kaameeruun Istaadiyeemii Yaawundeetti sa’aatii 4:00 eegalee ni gaggeeffama jedhame.
Boru galgala sa’aatuma walfakkaatuun taphni qopheessituu waancichaa Kaameeruunii fi Ijipti gidduutti gaggeeffamus hawwiin eegamaa jira.
Kaameeruunii fi Seeneegaal tapha xumuraaf darbuu akka danda’an biyyoota tilmaamama olaanaa argataniidha.
Madd:-African News
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.