Fana: At a Speed of Life!

Taphni xumuraa Waancaa Afrikaa 2023 dheerachuu kaaf beeksiise

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) – Taphni xumuraa Waancaa Afrikaa 2023 Waxabajjii 23, 2023 hanga Adoolessa 23, 2023 Kootdiivaayeeritti gaggeeffamuuf karoorfamee ture dheerachuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa beeksiiseera.

Taphni xumuraa waancaa Afrikaa 34ffaan bara Faranjootaa 2023 Kootdivaayeeritti gaggeeffamuuf ture sababa haala qilleensaan kan hin gaggeeffamne ta’uu Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Dooktar Paatiriis Mooseeppeen ibsaniiru.

Taphni kun bara Faranjootaa 2024 Baatii Amajjii fi Gurraandhalaa kan gaggeeffamu ta’uu beeksisaniiru.

Guyyoonni gulaallii yeroo itti aanu kan ifoomu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan federeeshinichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.