Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 33ffaan har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee, Ebla 5, 2016 (FBC) – Taphoonni Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 33ffaan tapha har’a Niwuukaastiil Tootenhaam waliin taasiisuun eegalama.
Har’a waaree booda sa’aatii 8:30 irraa jalqabee falmii Niwuukaastiil Yuunaayitiid Tootenhaam waliin taasiisu ni eegama.
Tootenhaam hirmaannaa Shaampiyoos liigii Awurooppaa argachuuf falmiin har’a taasiisu murteessaadha.
Sa’aatii 11:00 irraa eegalee taphoonni 4 kan gaggeeffamu yoo ta’u, Bireentifoord Sheefiild, Barnileey Biraayitan,Maanchiister Siitiin Luutan Taawoon, Notiingihaam Forest Woolvis waliin morkiin taasiisan ni eegama.
Galgala sa’aatii 1:30 irraa jalqabee Boornimaawuuz Maanchiister Yuunaayitiid waliin taphata.
Dilbata sa’aatii 10:00 irraa jalqabee Liivarpuul Kiristaal Paalaas, Weest Haam Fuulhaam waliin kan taphatan yoo ta’uu, sa’aatii 12:30 jalqabee taphni dursaan liigichaa Arsenaal Astoon Viillaa waliin taasiisu hawwiin eegama.
Wiixata ammoo Cheelsiin Eevartan waliin taphata.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.