Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimaayer Liigii Ityoophiyaa bara 2016 Fulbaana 20, 2016 kan eegalu ta’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC) – Taphoonni Piriimaayer Liigii Kilaboota Ityoophiyaa bara 2016 Fulbaana 20, 2016 kan eegalu ta’uu ibsameera.

Taphni baniinsaa Madin Ityoophiyaa fi Bahir Daar gidduutti kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Taphoota torbee jalqabaan Bunni Sidaamaa Buna Ityoophiyaa, Adaamaan Baankii Daldala Ityoophiyaa, Shaashamanneen Walaayittaa Diichaa, Hambarichoo Duraamaan Dirre Dhawaa, Hawaasaan Faasil, Hadiyyaa Hoosaa’inaan Machaalii fi Qidduus Giyoorgiis Walqixxee waliin kan taphatan ta’uu sagantaan ba’e ifoomseera.

Darbiin Shaggar Qidduus Giyoorgiisii fi Buna Ityoophiyaa torbee 7ffaa irratti kan taphatamu ta’uu eerameera.

Warqinahii Gaashahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.