Fana: At a Speed of Life!

Taphoota guutuu Afrikaan har’a fiigichi meetira kuma 10 ni gaggeeffama

Finfinnee, Bitootessa 10, 2016 (FBC) – Taphoota guutuu Afrikaan har’a fiigicha meetira kuma 10 dhiiroota gidduutti gaggeeffamuun Atileetoonni Itiyoophiyaa ni eegamu.
Fiigicha har’a galgala sa’aatii 4:35 eegalee gaggeeffamu kanarratti Atileetoonni Itiyoophiyaa 3 kan hirmaatan yoo ta’uu, tilmaama injifannoo argataniiru.
Atileeti Gammachuu Didhaa, Hayilamaariyaam Amaaraa fi Nibrat Malaak Itiyoophiyaa bakka bu’uun fiichicharratti ni hirmaatu jedhame.
Fiigicha kanarratti waliigalaan Atileetoonni 19 kan hirmaatan ta’uu eerameera.
Dorgommii kanarratti Atileetoonni Keeniyaa fi Ertiraa morkattoota ciccimoo Atileetoota Itiyoophiyaa akka ta’an ni eegama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.