Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan fudhataa jiruun Sodaawwan biyyaalessaa hir’ise – Hayyoota

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Iddoolee garaagaraatti Tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan fudhataa jiruun Sodaawwan biyyaalessaa hir’isuu Hayyoonni Saayinsii Siyaasaa ibsan.

Nageenyi kan mirkanaa’uu tumsaa fi waloon dhaabbachuun qofa ta’uu Yuunvarsiitii Siiviil Sarvisiitti Qorataan Bulchiinsaa fi Misoomaa Dooktar Mahaammad Aliin ibsaniiru.

Faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf nageenyi qooda olaanaa qabaachuu Yuunvarsiitii Ambootti Barsiisaan Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa Seenessaa Dammiseen ibsaniiru.

Tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamaa jiruun bu’aa argame waaraan itti fufsiisuuf hawaasni, Mootummaa fi Paartileen Siyaasaa qindoominaan hojjechuu qabu jedhan.

Mootummaan Tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu kutaalee garaagaraatti fudhachaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu hayyoonni kunneen yaadachiisaniiru.

Almaaz Makonniintu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.