Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfiin fudhatamaa jiru duula olaantummaa seeraa kabachiisuu malee lola walwalii miti -Qulqulleessa Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) -Tarkaanfiin garee ABUT Maqalee mandheeffaterratti fudhatamaa jiru duula olaantummaa seeraa kabachiisuu malee lola walwalii akka  hin taane Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa beeksise.

Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa tarkaanfii olaantummaa seeraa garee ABUT Maqalee mandheeffaterratti fudhatamaa jiru ilaalchisee odeeffannoo dogongoraa tamsaa’aa jirurratti ibsa taasiiseera.

Tarkaanfiin garee finxaaleyyii ABUT irratti fudhatamaa jiru  Ityoophiyaan gara lola wal waliinitti akka hin seenne kan taasiisu hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu ta’uu Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa kun beeksiseera.

Kaayyoo olaanaan duula hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu garee yakkamtootaa seerratti dhiyeessuu akka ta’e ibsameera.

Kana milkeessuuf raayyaan ittisa biyyaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu fayyadamuun barbaachisaa ta’uu Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa hubachiiseera.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu kunis yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu ta’uu beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.