Fana: At a Speed of Life!

Tarsiimoon buna Ityoophiyaan biyya alaatti ergitu dachaa afuriin dabaluuf gargaaru ifoome

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaay Ityoophiyaa Buna yeroo ammaa biyyattiin gabaa alaaf dhiyeessitu dachaa Afuriin guddisuu kan danda’u karoora Tarsiimoo waggaa 15 ifoomseera.

Tarsiimoon kun Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa Ityoophiyaa waliin kan qophaa’e ta’uu itti aanaan daayrektara olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaay Ityoophiyaa Shafii Umar eeraniiru.

Haala hojmaata oomisha Bunaa qorannoo fi qo’annoon deeggaruun oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, sona dabaluu, walitti hidhamiinsa gabaa mijeessuu fi ammayyeessuun hojii duraa ta’uu dubbataniiru.

Kanaanis bara dhufu buna gabaa alaaf ergamurraa galii kan yeroo ammaa argamaa jiru Doolaara biiliyoona 1.196 irraa gara Doolaara 4.6 tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.