Fana: At a Speed of Life!

Tasgabbiin dhabamuun hojii humnoota hokkara uumaniiti – ministeericha

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Dhaabbilee barnoota olaanootti sababiin tasgabbiin dhabamuu shira hojii humnoota hokkara umaniiti jedhe Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo FDRI.
 
Ministirri ministeerichaa Proofeesar Hiiruut W/maaryaam ministeerichi qormaata keessa jiraatus, hojiilee hedduu hojjeteera jedhan.
 
Tasgabbii dhabuun dhaabbilee barnoota olaanoo barattoota qofaan kan uumame otuu hin taane, bifa qindaa’en hokkara uumuuf humnoota hojjetaniin kan uumamedha jedhe Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo.
 
Naannoo dhaabbilee barnoota olaannootti rakkinoonni yoo mudataniyyuu, hojiiwwan gaggaarii heedduun hojjetamaniiru jedhameera.
 
Yaa’iin mana maree dhaabbilee barnoota olaanoo hoggansi yuunvarsiitota 45 bakka argamanitti taa’amaa jira.
 
Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo preezdaantota yuunvarsiitii, itti aantota preezdaantii fi qaamolee garagaraa waliin magaalaa Finfinneetti marii taasisaa jira.
 
Waltajjiin marichaas rawwii bara barnoota 2012; cinwaggaa jalqabaa fi kallattii xiyyeeffannoo fulduraarratti kan xiyyeeffatedha.
 
Raawwiiwwan riifoormii barnootaa fi leenjii karoora barnootaa fi karoora misooma waggaa kudhanii waajjira ministeerichaa irrattis kan xiyyeeffatedha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.