Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffii lammiilee Saa’udiirraa biyyatti deebisuu ilaalchisee aanga’oota biyyattii waliin mari’atame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015 (FBC)-Saa’ud Arabiyaatti lammiilee Ityoophiyaa haala rakkisaa keessatti argaman gara biyyaatti deebisuuf tattaaffi taasifamaa jiru irratti aanga’oota biyyattii waliin mariin gaggeeffameera.

Saa’ud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatii fi Qonsilaan Jeneraalaa Waajjiraa Qonsilaa Jiddaa Ambaasaaddar Muluugeetaa Kaliil, Daayrektara Jeneraalaa Qajeelcha Dhimma Lammiilee Biyya Alaa Ministeera Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaa Ambaasaaddar Dooktar Mahaammad Alshamrii waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniin, dhiyeenya irra deebiin kan jalqabame lammiilee Ityoophiyaa haala rakkisaa keessa buufataalee tursiisaa Saa’ud Arabiyaatti argaman duula gara biyyaatti deebisuu irratti kan xiyyeeffateedha.

Lammiilee mana hidhaa biyyattii keessaa yeroo adabaa isaanii xumuran, lammiilee sababa garaagaraan Saa’udii seenanii ba’uu hindandeenye, mootummaa Sa’udiirraa eeyyama argachuun gara biyyatti akka deebi’uu danda’aniif xiyyeffannaan akka kennamuu ka’eera.

Godaansa seeraan alaa itti fufiinsaan dhaabuuf mootummaan Ityoophiyaa kutannoo qabaachuun ibsameera.

Fuuldurattis, biyyoota lameen gidduutti kan mallatteeffame waliigaltee bobbii hojii hojjettootaa hanga danda’ametti hojiirra akka ooluuf mari’atamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Dooktar Mahaammadis, Saa’ud Arabiyaan Ityoophiyaa waliin hariiroo amantii, seenaa fi aadaa akkasumas ummataa fi ummataaf bakka olaanaa akka kennitu yaadachiisaniiru.

Mootummaan isaanis walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa Ityoophiyaa nagaan xumuruuf waliigaltee mallatteesse dinqisiifataniiru.

Mootummaan Saa’ud Arbiyaas lammiilee buufataalee tursiisaa garaagaraa keessatti argaman gara biyya isaaniitti deebisuuf duula gaggeessuuf deeggarsa akka taasisu ibsaniiru.

Karaa garaagaraatiin Saa’ud Arabiyaa seenanii ba’uu kanneen hindandeenye haala addaattiin ashaaraa kennuun ba’uu akka danda’an deeggarsa guutuu taasisuuf mootummaan isaanii eyyamamaa ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.