Fana: At a Speed of Life!

Tigraayitti Indaastiriiwwan haaraan 227 hojii eegalan

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Naannoo Tigraayitti baatiwwan saglan darban Indaastiriiwwan haaraan 227 hojii eegaluu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.
Bara baajataa kana oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu fi daldala alaa deeggaruun sharafa alaa hir’isuuf hojii jajjabeessan hojjetamuu eeraniiru.
Oomishaaleen Meetirik Tooniin 2.2 Birrii biiliyoona 3.1 baasaan kan biyya keessaan bakka bu’uu himuun, kanaanis Sharafa alaa Doolaara biiliyoona 1.9 hambisuun danda’amuu dubbataniiru.
Oomishaaleen Tooniin kumni 107 gara alaatti ergamuun galiin Doolaarri miiliyoonni 202 argamuu Obbo Malaakuun gabaasa raawwii hojii mana hojjichaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniin himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.