Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaan Oromoo kan ijaarramu sirnaani – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa waggoottaan darban keessa rakkoo hammaataa keessa dhaabbatee dhaloota ijaaruuf hojjechaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisan ibsaniiru.

Fedhiin Ummata Oromoo biyya tokkummaan sabaa fi sablammootaa keessatti mirkanaa’e ijaaruuf malee olaantummaa qofaa isaa mirkaneeffachuu miti jedhan.

Tokkumaa cimaa bu’uura hin sochoonerratti hundaa’e ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Tokkummaan Oromoo kan ijaarramu sirnaan jedhan.

Iyyii fi arrabsoon nurratti gaggeeffamu caalmaatti nu cimsa malee kaayyoo keenyarraa nu maksu jechuun ibsaniiru.

Sabboonummaan Oromoo barumsa teeknooloojiin cimuu, diimokiraasii lafa qabate ijaaruu,sirna cimaa lafa qabsiisuu fi diinagdeen of ijaaruun malee ololaan ifuu hin qabu jedhan.

Ijaarsi masaraa Mootummaa naannoo Oromiyaa har’a magaalaa Finfinneetti jalqabsiifames mallattoo tokkummaa olaanaa fi Siidaa qabsaa’ota dhaloota ijaaruuf wareegama kaffalaniiti jedhan.

Ilaalcha ammaa fi kiyya qofaa keessa ba’uun diinagdee, Teeknooloojii fi Diimokiraasii dagaagsuuf yaa hojjennu jechuun ergaa dhaamaniiru.

Siifan Magarsaa fi Jaalallii Hayiluutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.