Fana: At a Speed of Life!

Torban Boondii Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa magaalaa Asoosaatti eegale

Finfinnee, Bitootessa 16, 2015(FBC)- Torban Boondii Biyyaalessaa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa guyyaa har’aa magaalaa Asoosaatti eegaleera.

Sagantichi qaama sagantaa galii walitti qabuu Waajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Ijarsa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa waggaa 12ffaa hidhichaa ilaalchisuun qopheessee ta’uu eerameera.

Daayrektarri Olaanaan Waajjirichaa Aregaawii Bariheen, Hidhi Guddichi Haaromsa Ityoophiyaa akkuma injifannoo Adwaa tokkummaan Ityoophiyaanotaa kan irratti mul’ate ta’uu ibsaniiru.

Kun ammoo Ityoophiyaan deeggarsaafi liqa alaarraa of dandeessee diinagdee bilisaa akka ijaarrattuuf tattaaffii taasifamuuf abdii kan uume ta’uu eeraniiru.

Abdii kana itti fufsiisuuniifi tokkummaa cimsuun dhiibbaa alaa hidhicharratti taasifamu dhaabuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni deeggarsa hidhichaaf taasisu cimsee akka itti fufu gaafachuu TOI gabaaseera.

Daayrektarri Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Guddicha Haaromsaa Naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Giraanyi Guddataa gamasaaniin, naannichatti bara 2013 irraa eegalee hidhichaaf Birrii miiliyoonni 100 walitti qabamuu ibsaniiru.

Sagantichi baatii tokkoof kan turu ta’uufi galii Birrii miiliyoona 100 walitti qabuuf karoorfamuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.