Fana: At a Speed of Life!

Tuurkii fi Raashiyaan Liibiyaatti dhukaasni akka dhaabbatu waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) –Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmeer Puutiinii fi gitni isaani Tuurk Reesiip Xaayiip Erdoohaan Liibiyaatti waligaltee dhukaasa dhaaburra akka ga’mu waamicha dhiyeessan.

Anga’oonni lameen dhimmoota waldhabdee Liibiyaa hiikuun danda’aamurratti marii taasisaniiru.

Humnoonni morkattoota biyyattiitti argaman waliigaltee dhukaasa dhaabuun addaddummaa isaanii mariin hiikuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Jarman Heekoo Maas Liibiyaan walwaraansatti akka hin ceene akeekkachiisanuun, mariidhaf waamicha dhiyeessaniiru.

Tuurk, Raashiyaan waarana Jeeneraal Haaftaar Kaliifaa ni deeggarti jechuun yoo komattu, Mooskoon gama isheetin komichi sirrii miti jetti.

Haaluma walfakkaatun muummee ministiraa Xaaliyaan Juuseeppee Koonteen Jeneraal Haaftaar Kaalifa waliin dhukaasa dhaabuun haala danda’amurratti Roomaatti mari’ataniiru.

Muummee ministiraa Koonteen muummee ministiraa Liibiyaa Faayiz Al Siraaj Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin deeggeramuun mariin taasisuuf turan utuu hin milkaa’in hafuun himameera.

 

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.