Fana: At a Speed of Life!

Uffannaa dambii tajaajila hojjettootaa Finfinnee ifoome

Finfinnee, Bitootessa 14, 2016 (FBC)- Bulchinsi Magaalaa Finfinnee Uffannaa Dambii Tajaajilaa hojjettoota magaalichaa ifoomseera.

Uffannaan Dambii kunis riifoormii dhaabbatummaa Ejensiin Tajaajilaa Jiraattotaa fi Galmee Siiviilii gaggeesaa jiruun hojjettoota leenji’oo, ammayyaa’oo fi naamusa qaban uumuuf kan kaayyeeffate ta’uun eerameera.

Sirnicharratti Hojii Gaggeessituun Bulchiinsa Magaalichaa Aadde Hikmaa Kaayiraddiin, ejensichi kenniinsa tajaajilaa isaa garaa sadarkaa caaluutti ceesisuu fi itti quufiinsa hawaasaa mirkaneessuu qaba jedhaniiru.

Hojjettoota eejensichaa bu’aa caalu galmeessaniif sagantaan beekkamtii kennuu gaggeeffameera.

Daayrektarri Olaanaan Ejensichaa Obbo Yoonaas Alamaayyoo gama isaaniin, uffannan dambichaa hojjettoota hanga aanaatti argaman uffachuun tajaajila ammayyaa’aa fi naamusa qabu akka kennaniif yaadameeti jedhan.

Dhaabbatichi itti gaafatama isaa akka bahatuuf hojjetoonni akkataa waadaa galaniin qajeelummaa fi amanamummaan tajaajilaa akka kennan hubachiisaniiru.

Tizzitaa Dassaalanyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.