Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Ityoophiyaa hundi tokkummaan yeroo gabaabaa keessatti awwaalcha garee shororkeessaa xumuruu qabna – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2014 (FBC) – Ummanni Ityoophiyaa hundi tokkummaan yeroo gabaabaa keessatti awwaalcha garee shororkeessaa ABUT xumuruu qabna jedhan Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
Guyyaa har’aa lammiilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUTtiin qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif magaalaa Bahaar Daaritti argamuun deeggarsa taasiisuu fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Gochaan badii garichi lammiilee naannoo Amaaraa fi Afaarirratti raawwataa jiru miidhaa seenaan hin daganne gochaa suukkaneessaa ummata Ityoophiyaarra hundarra ga’e ta’uu dubbataniiru.
Abjuu garee shororkeessaa kana ummanni Ityoophiyaa marti waloon ta’uun yeroo gabaabaa keessatti awwaalluu qabna jedhan.
Injifannoo wareegama hunda keenyaan lammiileen qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun rakkoo keessatti argaman gara qa’ee isaaniitti akka deebi’an hin shakkinu jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.