Fana: At a Speed of Life!

UNICEF lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 30 baasuu taasise

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC)- Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii (UNICEF) sababa garee shororkeessaa ABUT lammiilee rakkoon irraa gahee fi qe’eesaaniirra buqqa’aniif meeshalee garagaraa Birrii miiliyoona 30tti tilmaamaman taasiseera.

Deeggarsa taasifamees preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Agaanyaaw Tashaagaar galateefataniiru.

Yerootti aanuuttis dhaabbatichi deeggarsicha akka itti fufuu kan gaafataan preezdaantichi dhaabbilee deeggarsa namoomaa taasisaa deeggarsa walfakkataa akka taasisaaniif gaafataniiru.

UNICEF barattootaaf deeggarsa dabtaraa, kobbee, meeshaalee qulqulliina akkasumas kanneen biroo taasiseera.

Ityoophiyaatti Daayreektarri Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii (UNICEF) Adeel Koodir Gondar kaabaa fi naannichatti daawwannaa taasisuu ibsuun daa’immaan hedduun hanqina nyaataaf saaxilamaa jiraachuu EBC’n gabaasera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.