Fana: At a Speed of Life!

Uummanni keenya madda gootummaa keenyaati- Jeneraal Baacaa Dabalee

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Uummanni keenya madda gootummaa keenyaati jedhan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti qindeessaa olaanaan hojiilee ijaarsa raayyaa Jeneraal Baacaa Dabaleen.

Uummata waliin ta’uun garee Finfinneen seena jechuun dhaadataa ture bakka weeraree turetti awwaaluun danda’amuu ibsaniiru.

Jeneraal Baacaan kan kan jedhan waltajjii marii miseensonni diyaaspooraa daa’imman Raayyaa Ittisa Biyyaa waraanarratti miidhamaniif mana barnoota ijaarsisuuf taa’aa jiran irratti.

Waraanni Ityoophiyaa qabsoo meeshaa waraanaa qofaan osoo hin taane dippiloomaasii fi diinagdeen kian furamu ta’uu waltajjicharratti kaasaniiru.

Ityoophiyaanonni biyya keessaa fi alaa Ityoophiyaan hin diigamtu jechuun waraana diinota keessaa fi alaan Ityoophiyaarratti baname tokkummaan dhaabachuun injifachuu ibsaniiru.

Uummanni humna namaan, maallaqaanii fi gala qopheessuun raayyaa ittisa biyyaa cina dhaabbachuun garee shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraree turetti awwaaluu yaadachiisaniiru.

Diyaaspooraan adda dippiloomaasii fi diinagdeen hojii boonsaa hojjechaa jiraachuu fi hojii kana cimsee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa waardiyyaa biyyaa waan ta’eef deeggaruun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Maddi :- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.