Fana: At a Speed of Life!

Uummanni Tigraay garbummaa hamaa keessa jira- Injinar Yamaanaa Hayilaa

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT uummata naannichaa ukkaamsuun garbummaa hamaa keessa akka jiraatu taasisuu miseensa bulchiinsa yeroo fi ittaanaan bulchaa godina Kaaba Lixaa Injinar Yamaanaa Hayilaan ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT miseensotaa fi hoggantoota Bulchiinsa Yeroo naannichaarratti miidhaa garaagaraa fi yakka ajjeechaa qorannoon deeggarame raawwachuu yaadachiisaniiru.

Garichi uummanni Tigraay sodaataa ta’ee akka jiraatuuf, haamilee akka dhabuu fi dargaggoonni naannichaa beekumsa qabaniin uummatasaanii akka hin tajaajilleef yakka ukkaamsaa dabalatee yakkoota gara jabinaa biroo raawwachaa jiraachuu eeraniiru.

Gocha badii kanaaf garichi garee namoota nagaa fakkaatan bobbaasuun kan raawwatu ta’uu fi isaanis ajjeechaa garichaa jalaa miliquu dubbataniiru.

Uummanni Tigraay uummata Ityoophiyaa biroorraa adda baafamuu ibsuun, gareen shororkeessaa ABUT Araat Kiiloon seena jechuun waraana naannolee Amaaraa fi Afaarirratti baneen magaalonni naannoo Tigraay bakka jireenyaa dargagoota waraanaan qaamni isaanii hirdhatee ta’uu kaasaniiru.

Magaalonni akka Addigiraat, Shiree fi Aksuum giddugaloota dargaggoota waraanaan qaama isaanii dhabanii ta’uu addeessaniiru.

Miidhaan qaamaa dargaggootarra ga’e guddaa ta’uu eeruun, maatiin miidhamtootaa gaddaa fi gadadoo hamaa keessa jiraachuu injinar Yamaanaan ibsaniiru.

Uummanni bulchiinsa ABUTiin rakkoo hamaaf saaxilame carraa argateen gara naannolee ollaatti godaanaa jiraachuu eeraniiru.

Haa ta’u malee, lammiilee naannicha gadi lakkisuun gara naannolee ollaatti godaanan hidhattoonni garichaa daandiirratti ukkaamsuun rakkoo irraan ga’aa jiraachuu himaniiru.

Garichi qabeenyaa fi maallaqa buqqaatotaa saamuurra darbee dubartoota gudeedaa, maallaqa warreen hin qabne ammoo bakka dhufanitti deebisuun hidhaa jiraachuu addeessaniiru.

Buqqaatonni ukkaamsaa garichaa jalaa miliquun naannoo Amaaraa galaniif qaamolee nageenyaa naannichaan simannaa gaariin taasifamaafii jiraachuu ibsaniiru.

Uummanni Tigraay to’annoo garee shororkeessaa ABUT jala jiru garbummaa hamaa jala jiraachuu turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Meeroon Fufaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.