Fana: At a Speed of Life!

Uummata waliin ta’uun diinota Ityoophiyaa barbadeessuun badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf ni hojjenna- Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Uummata waliin ta’uun diinota Ityoophiyaa barbadeessuun badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf kan hojjetan ta’uu Dursaa Ittaanaan Preezdaantii Paartii Badhadhinaa Obbo Adam Faaraahin ibsan.

Obbo Adam Faarahin ibsa kennaniin, walga’iin Koreewwan Hojii Raawwachiistuu fi Giddugaleessaa paartichaa dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaarratti gadi fageenyaan mari’achuun milkaa’inaan xumuramuu eeraniiru.

Miseensonni koreewwan kanneenii gocha garaa jabeenyaa naannoo Gaambeellaa fi Godina Wallaggaa Lixaatti raawwatamee ture balaaleffachuus kaasaniiru.

Tarkaanfiin seera kabachiisuu eegalame cimee akka itti fufuuf kallattiin kaa’amuu ibsuun, tarkaanfii fudhatameen miseensonni garee shororkeessichaa hedduun barbadaa’uu himaniiru.

Miidiyaaleen diinaa odeeffannoo madaalawaa hin taane tamsaasuun burjaajjii uumaa jiraachuu dubbataniiru.

Haleellaan lammiilee nagaarratti raawwatames xiyyeeffannoo mootummaa fi uummanni misoomarratti qaban dabsuuf ta’uu eeruun, keessattuu hojii Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa guddicha bishaan guutuu marsaa 4ffaa fi anniisaa maddisiisuu tarbaayinii 2ffaa jalqabsiisuu gufachiisuuf ta’uu eeraniiru.

Qonnaan bulaan hojii qonna arfaasaa tasgabbiin akka hin hojjenneef gocha badii karoorfamee raawwatame ta’uu fi gochi garee shororkeessitoota kanneenii saba kamiinuu bakka kan hin buune ta’uu hubachiisaniiru.

Mootummaa fi uummanni waliin ta’uun kaayyoo diinni biyya diiguuf qabatee ka’e ni fashaleessu jedhaniiru.

Walga’ii koreewwan kanneeniirratti dhimmoonni keessoo paartichaa gamaaggamamuu eeruun, tokkummaan paartichaa kan yeroo kamiyyuu caalaatti cimee mul’achuu ibsaniiru.

Naamusni keessoo paartichaas haala gaariirra jiraachuu kaasaniiru.

Milkaa’inoonnii fi hanqinaaleen damee diinagdee waggoottan jijjiiramaa darbanitti galmaa’an gamaaggamamuu ibsuun, kufiinsa diinagdee maakroo mudate tasgabbeessuuf riifoormii taasisuun milkaa’inni galmaa’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.