Fana: At a Speed of Life!

Uummattoonni Burjii godina Booranaatti gogiinsa mudateef deeggarsa marga konkolaattoota 25 ol taasisan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC)-Naanno Saboota Sablammootaa fi Uummattoota kibbaatti Uummanni Burjii godina Booranaatti gogiinsa mudateef deeggarsa marga loonii konkolaattoota 25 ol taasisaaniiru.

Deeggarsa kana Aana addaa Uummata Burjiitti qotee bultoonni waan qaban irra walitti qabuun marga looni konkolaattoota 25 fi soogida konkolaata 1 fa’uun  Godina Boorana Magaalaa Yaaballootti qaqqabsiisuu Bulchaan aaniicha obbo Maare Alamaayyo himaniiru.

Deeggarsa taasisaniis cimsanii kan itti fufaan ta’uu ibsaniiru.

Itti Aanaan Bulcha Bulchiinsa Godina Booranaa obbo Abdi Salaam Waariyo warra deeggarsaan dhufe galateeffachuun simachuusaanii ragaan waajjira kominikeeshinii godina Booranaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.