Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf hojmaanni hojjetaa fi hojjisiisaa ifoome

Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) – Vaayrasii koroonaa ittisuuf hojmaanni iddoo hojii hojjetaa fi hojjisiisaa ifoomeera.
 
Tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hariiroon hojjetaa fi hojjisiisaa haala barameen itti fufuu akka hin dandeenye Ministirri Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Eergoogee Tasfaayee dubbataniiru.
 
Prootookooliin sadee har’a ifoome kunis mootummaa, Hojjisiisaa fi hojjetaa gidduutti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.
 
Hojmaatichi miidhaa weerarri kun damee diinagdeerran ga’u giddugaleessa godhachuun hojiirra kan oolu ta’a jedhan.
 
Akkasumas weerarri vaayrasii koroonaa miidhaa diinagdee biyyaa, dhaabbilee, hojjetaa fi hawaasummaarran ga’u hir’suuf shoora qabaachuu himaniiru.
 
Prootookooliin kun bakka waldaan hojjettootaa, hojjisiistoonni Indaastirii fi preezdaantiin Konfeedeereeshinii hojjisiiftootaa argamanitti ragga’uu isaa Dooktar Eergoogeen himaniiru.
 
Ministeerri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa har’aa eegalee hojiirra oolmaa isaa kan hordofu ta’a jedhameera.
 
Sooddoo Lamaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.