Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasiin Koroonaa yeroo jalqabaatiif Kooriyaa Kaabaatti mul’ate

Finfinnee, Caamsaa 4,  2014 (FBC) – Vaayrasiin Koroonaa yeroo jalqabaatiif Kooriyaa Kaabaatti mul’achuu buufanni Teeleeviizhinii biyyattii gabaaseera.

Biyyattiitti namni yeroo jalqabaaf vaayrasii koroonaa haaraa Amiikroon vaayrasiin kan irratti argame yoo ta’uu, vaayrasichi argamu hordofee sosochiirra dhorkiin kaa’amuu ibsameera.

Hogganaan biyyattii Kiim Joong Uun tatamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf guutuu biyyattiitti dhorkii sosochii cimaan akka labsamuuf ajajaniiru jedhameera.

Vaayrasii koroonaa waggoottan lamaan darbaniif lubbuu lammiilee hedduu kan galaafatee fi diinagdee biyyootaa burjaajesse Kooriyaa Kaabaatti kana dura mul’ate kan hin beekne ta’uu RT fi BBC’n gabaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.