Fana: At a Speed of Life!

Viint Sarf qophii Ityoophiyaan Yaa’ii Bulchiinsa Intarneetiif taasifte dinqisiifatan

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Abbaa Intarneetii jedhamuun kan beekaman Viint Sarf qophii Ityoophiyaan Yaa’ii bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa 17ffaaf taasifte dinqisiifatan.

Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan Viint Sarf waliin mari’achuu ibsameera.

Yaa’icharratti Ityoophiyaan keessummootaaf simannaa gaarii kan taasistu ta’uu daawwachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan yaa’icha qopheessuun kutannoo bulchiinsa intarneetiirratti qabdu agarsiisteetti jedhan.

Dooktar Ballaxaa Mollaan gamasaaniin, Viint Sarf gara Ityoophiyaa dhufuun yaa’icharratti hirmaachuufi muuxannoo isaanii qoodusaaniif galateeffataniiru.

Yeroo itti aanutti dhimmoota waliin hojjechuu danda’anirratti mari’achuu ragaan Ministeera Innooveeshiniirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.