Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Konfireensii Daldalaa fi Misoomaa DhMG Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibse

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC) – Waajjirri Konfireensii Daldalaa fi Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimmoota Daldalaa, Hojii Uumuu fi damee Invastimantiin Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibseera.

Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fishuma Assaffan Waajjira Konfireensii Daldalaa fi Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti daayrektara dhimmoota Afrikaa Paawul Akkiiwumii waliin mari’ataniiru.

Waajjirichi Daldalaa, Hojii Uumuu fi Damee Invastimantiin karoora Ityoophiyaa waliin hojjechuuf qabatee fi qorannoo Imaammataa gaggeeffame ilaalchisee mari’achuu isaanii ibsameera.

Imaammatichi Imaammata Mootummaan Ityoophiyaa yeroo ammaa misoomarratti qabatee fi kallattii misoomaan kan wal simatu ta’uu isaa Dooktar Fishum ibsaniiru.

Yeroo itti aanu akkaataa tumsaan hojjechuun danda’amurratti walii galuu isaanii ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.