Fana: At a Speed of Life!

Wabii nyaataa lammilee mirkaneessuuf deeggarsi qaamolee tumsitootaa murteessaadha jedhame

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amnateen Mootummaa Jaappaan waliin walta’iinsaan haalota hojjechuun danda’amurratti Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Biyyattii Hiiroo Shiibaataa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Ruuzii, Abaaboo, Kuduuraa fi Muduuraa akkasumas misoomaa Bunaan Mootummaa Jaappaan waliin haaloota waloon hojjechuu dandeesisurratti mari’ataniiru.

Dooktar Girmaan bu’aa misooma Qamadiin argamee ibsuun, misooma Ruuziinis bu’aa argamsisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Halumaa kanaan, Naannoo Somaaleetti lafa heektaraa kuma 3 ol yeroo jalqabaaaf Ruuzii jallisiin misoomsuuf karoorfamuu eeruun, tattaaffii misooma Ruuzii jallisii babal’isuuf taasifamu Mootummaan Jaappaan deeggarsa akka taasisuuf Dooktar Girmaan gaafataniiru.

Mootuumman Jaappaan deeggarsa dameelee garaagaraan taasisa jiru cimsee kan itti fufu ta’u Ambaasaaddarri Biyyatti mirkaneessuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.