Fana: At a Speed of Life!

Wajjiraaleen badhaadhinaa hundi akka maatii badhaadhinaa tokkootti sochuu akka qaban eerame

Finfinnee, Fulbaana 15,2013 (FBC)- Hojiin Siyaasaa fi qunamtii hawaasaa badhaadhinaa lafa akka qabatuuf wajjiraaleen badhaadhinaa hundi akka maatii badhaadhinaa tokkootti sochuu akka qaban eerame.
Wajjirri olaanaa badhaadhinaa, damee qunnamtii hawaasaa fi idil addunyaa, gaggeesitoota naannolee hundaa, gaggeesitoota siyaasaa fi qunnamtii hawaasaa waliin mariin eegaleera.
Waltajjii Marichaa haasaan kan banan waajjira olaanaa Badhaadhinatti Hogganaa Damee Idil Addunyaa fi Qunnamtii Hawaasaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa hojiin siyaasaa lafa akka qabatuuf hojii qunnamtii hawaasaa cimaa hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.
Akkasumaas wajjiraaleen badhaadhinaa hundi akka maatii badhaadhinaa tokkootti sochuu akka qaban eeraniiru.
Badhaadhinnii fi humni cimaan kutaa Ityoophiyaa hundarraa walitti qabame maatii badhaadhinaa ta’ee itti fufa jedhaniiru.
Marichaan karooraa fi gabaasa dabalatee hojiiwwan qunnamtii hawaasaa karaa saayinsawaa ta’ee gaggeessuu kan dandeessisu leenjiin ni latama.
Dabalataan waajjirichaatti kutaa informeeshinii fi kominikeeshinii kan misoomsanii fi afaan biyyatti shaniin kan qophaa’e hojii weebsayitii fi kilaawud ifatti hojii ni hojjeta.
Leenjiidhaan booddee kutaa biyyatti hundarraa walitti kan qabaman maatiin badhaadhinaa akka tokkoottii kaayyoof badhaadhinaa kan hojjetanii fi yaada badhaadhinaa yaada hawaasaa godhachuun badhaadhina biyya keenya kan milkeessaan ta’u himaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.