Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Kiristiyaanaa Beetel Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee waliin ta’uun lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Waldaan Kiristiyaaaanaa Beetel Afaan Oromoo Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee waliin ta’uun lammiilee Godina Baalee Bahaa sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 450 taasiiseera.

Bakka Bu’aan Waldaa Kiristiyaanaa Beetel Afaan Oromoo biyya keessaa obbo Shaambal Qaabatoo kanaan dura midhaan kuntaalaa 350 Lammiilee Godina Booranaatiif gumaachuu fi har’a immoo midhaan nyaataa kuntaalaa 450 bituun gara Magaalaa Gindhiiriitti imalchiisaa jiraachuu himanii jiru.

Miseensi Waldaa Kiristiyaaaanaa Beetel Afaan Oromoo obbo Huseen Edaoo, lammiilee Godina Booranaa fi Baalee Bahaatiif daakuu kuntaalaa 800 qarshii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 5tti tilmaamamuun bitanii kan deeggaranii fi hanga lammiileen kunneen nyaataan of dandaa’anitti deeggarsa isaanii kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Itti aanaan kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee obbo Ibraahim Kadiir lammilee hongeen miidhaman deeggaruuf midhaan nyaataa kuntaalli 5,105 walitti qabame keessa kuntaalli 4760 lammiilee Godina Booranaa fi Godina Baalee Bahaatiif kan kenname tauu ibsuun hanga lammiileen kunneen of dandaanitti hawaasa dadammaqsuun deeggarsicha kan itti fufsiisan ta`uu dubbatan.

Bulchiinsi Magaalaa Shaashamannee daldaltootaa magaalichaa,abbootii qabeenyaa dhaabbilee amantaa garagaraa fi waldaalee hirmaachisuun deeggarsa yeroo 2ffaaf taasisuu ragaan BDhKMNO irraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.