Fana: At a Speed of Life!

Waldaan misooma Oromiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa ganna bara 2014’f lafa hektaara kuma 6 irratti boolla biqiltuu fi dagaa qopheesse

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Waldaan misooma Oromiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa ganna bara 2014’f lafa hektaara kuma 6 irratti boolla biqiltuu fi dagaa qopheesseera.

Waldichi aanaa Sabbataa Hawaas gaara Dabal irratti dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa bara 2014’f boollaa fi daagaa lafa heektaara kuma 6 irratti qopheessuu Itti Gaafatamaan Waldaa Misooma Oromiyaa Damee Godina Addaa Naannawa Finfinnee obbo Taakkala Amanuu himaniiru.

Naannawichatti muuxxannoo qonnaan bultoota godina Harargee irraa argameen daagaa hidhuun bara kana kan egalame ta’u eeruun, lafa heektaara kuma 6 irratti ganna dhufu biqiltuu gosa garaagaraa dhaabuuf qophiin eegalamuu ibsaniiru.

Hawaasni qophii boollaa kanarratti hirmaatan biqiltuu kanaan dura dhaabbamaniin jijjiirrama dhufe arguun kaka’umsa itti horuu ibsaniiru.

Ganna bara 2014 biqiltuu miliyoona shanii ol paarkiiwwan godinaalee fi aanaalee garaagaraa waldichi qabu 51 keessatti biqiltuu dhaabamuuf qophiin boollaa jalqabamuu Daayreektarri Waldichaa obbo Dajanee Itichaa himaniiru.

Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taanee hawaasni misooma Kannisaa fi gabbisa looniin bosona irraa akka fayyadamuuf ni hojjatama jedhaniru.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.