Fana: At a Speed of Life!

Waldaan ogeessota seeraa qaama miidhamtootaa Ityoophiyatti yeroo jalqabaaf hundaa’e

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) –Hundeffamni Waldaa ogeessota seeraa qaama miidhamtootaa guyyaa har’aa bakka hooggantoonni hojii olaanoo fi qaamoolee dhimmi ilaallatu argamanitti ifoomera.

Ityoophiyatti Waldaa ogeessota seeraa qaama miidhamtootaa yeroo jalqabaaf hundaa’uun qaama miidhamtootaaf boqoqnnaa guddaa ta’uu hundeesituun waldichaa fi walitti qabduun boordii kan ta’an Looreet Yeetnabarsh Nigusee ibsaniiru.

Hundeeffama waldichaa irratti argamuun ergaa kan dabarsan ministirri dhimmoota hojjetaa fi hawaasummaa Dooktar Irgoogee Tasfaayee, Preezdaantii mana murtii waliigalaa Ma’aazaa Ashanaafii, komishinara kominishinii mirga namoomaa Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaa waldicha waliin ta’uun hojiiwwan hojjetamaan cimsanii akka hojjetan waadaa galaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.