Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa fi Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa waliigaltee Birrii miiliyoona 200 mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa Koree Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa waliin waliigaltee Birrii miiliyoona 200 mallatteessuu beeksiseera.
Waliigaltichi Waggoottan sadan itti aanaan tumsaan hojjechuu fi lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif kan oolu Birrii miiliyoona 200 kan hammate ta’uu eerameera.
Dhaabbileen lamaan waggoota hedduuf tumsaan hojjechaa turuu Barreessaa Olaanaan Waldaa Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa Getaachoo Taa’aan ibsaniiru.
Tumsi waloo kun lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa dhiyeessuuf kan gargaaru ta’u Itiyoophiyaatti bakka bu’aan Koree Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa Niikoolaas Vaan’aaksi dubbtaniiru.
Deeggarsi kun cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Qiddisti Abaatatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.