Fana: At a Speed of Life!

Waldhabdee uumame karaa nagaan furuuf waliigalteerra ga’ame – Humna Waloo Nageenyaa

Finfinnee, Gurraandhala 4, 20015 (FBC) -Humni Waloo nageenyaa haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Waldhabdee tibbana mana amantaa Ortodoksii Waloomaa (Tawaahidoo) gidduutti uumame marii walabaa, karaa nagaa fi hojmaata keessoo mana amantichaan furuuf tattaaffiin taasiifamaa turuu ibseera.

Rakkoo jiru karaa nagaan furuuf abbootiin amantaa waliigalteera ga’uu ibsa baaseen himeera.

Waldhabdee uumame akka carraatti fayyadamuun humni keessaa fi alaa fedhii siyaasaa isaanii milkeessuuf socho’aa turan gochicharraa akka of qusatanii fi nageenya hawaasaa jeequuf beekkamtii malee hiriira nagaa waaman keessatti hawaasni akka hin hirmaanne Humni waloo nageenyaa ibsa baasaa turuun kan yaadatamuudha.

Abbootiin amantaa gamlamaanuu rakkoo uumame hordofee hiriira gaafa guyyaa 5, /6/2015tti waaman akka hafu murteessuun nageenyaa fi birmadummaa biyyaaf faayidaa olaanaa qabaachuu isaan humni waloo nageenyaa ibsa baaseen galateeffateera.

Kaka’umsi abbootiin amantaa rakkoon uumame karaa nagaa fi mariin furmaata akka argatu murannoon agarsiisaan kan dinqiifamu ta’uu eereera.

Qaamolee dhimmichi gara mariitti akka deebi’u qooda qaban hunda galateeffateera.
Ka’umsi rakkichaa maal akka turee, gamaaggamaa, ragaa fi odeeffannoo walitti qabaa turuu humni walichaa eereera.

Gaaffii amantaa karaarra maksuun karaa seeraan alaa heera mootummaa balaarra buusuuf humni keessaa fi alaa qindoomina uumuun hokkaraa fi jeequmsa uumuuf socho’aa turuu fi faayinaansii fi loojistiiksii dhiyeessaa turuu humni waloo hordoffii taasisaa tureen mirkaneessuu ibseera.

Tattaaffiin isaan taasiisaa turan ummata nagaa jaalatuu fi murtoo abbootaa nageenya biyyaa giddu galeeffateen fashalaa’uu eereera.

Shirri isaanii abjuu ta’ee hafuu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.