Fana: At a Speed of Life!

Waldichi Kooyshaatti Birrii miiliyona dhibba 1 fi miiliyoona 14N Loojii ijaaruufi

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2013 (FBC) – Waldaan Daldalaa Waliigalaa Oomootik itti gaafatamummaan isaa murtaa’e Kooyshaatti Birrii miiliyona dhibba 1 fi miiliyoona 14 Loojii ijaaruuf ta’uu beeksiise.
Waldichi lafa Proojektii maaddii Biyyaan hammate hektaara 5 fudhachuu ibsameera.
Ijaarsa boqonnaan sadiin raawwatamuuf Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 14 ramadamuu ibsameera.
Yeroo ammaa ijaarsa isaa jalqabuuf qophiin eegalamuu himameera.
Kooyshaan paarkii Cabaraa Curcuraa dabalatee iddoolee hawwata uummamaa kan qabu yoo ta’u qabeenyicha osoo hin miidhin ijaarsi isaa kan raawwatamu ta’uu Itti gaafatamaan Qajeelcha Loojii fi Hoteelootaa Waldichaa obbo Abdii Xannaan ibsaniiru.
Yeroo hojiin isaa eegalameetti namoota 400f carraa hojii kan uumu ta’uu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.