Fana: At a Speed of Life!

Waldichi kutaalee hawaasaa balaaf saaxilamaniif deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu beeksise

Finfinnee, Amajjii 27, 2015 (FBC)- Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa deeggarsa kutaalee hawaasaa balaa umamaa fi namtolcheef saaxilamaniif taasisu cimsee akka itti fufu beeksise.

Waldichi raagaa haalaa qilleensaa Arfaasaa dhufuu ilaalchisee waltajjii marii Magaalaa adaamaatti gaggeessaa jira.

Barreessaa Olaanaa Waldichaa Obboo Geetaachoo Taa’ii akka jedhanitti, raaga duraa haala qilleensaa fi tarkaanfii duraa ilaalchisee balaa lammiileerraa ga’u hir’isuuf waldichi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Naannoo Afaar Aanaa Dubtiitti balaa lolaa, Naannoo Oromiyaa Godina Baalee Aanaa Sawweenaatti hongeen akka mudatu dursee raaguun akka danda’ame kaasaniiru.

Naannawaa kanneenitti hawaasarraa miidhaa ga’uu malu hir’isuun akka danda’ames Obbo Geetaachoon ibsuu ragaan waldicharraa argame ni mul’isa.

Daayrektarri Inistiitiyuutii Raagaa Haalaa Qilleensaa Ityoophiyaa Obbo Faxxaanaa Tashoomaa gama isaaniin, raagaa haala qilleensaa Arfaasaa ilaalchisee hojiileen hojjetaman jijjiirama abdii qabeessaa galmeessuu fi kunis cimuu akka qabu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.