Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Mana Maree Raawwachistotaa Gamtaa Afrikaa Roobii fi Kamisa gaggeeffama

Finfinnee, Guraandhala 4, 2016 (FBC)- Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 44ffaan Walga’iin Mana Maree Raawwachistota Gamtaa Afrikaa Roobii fi Kamisa gaggeeffama.

Walga’ii mana marichaarrattis ministiroonni dhimmaa alaa biyyootaa Afrikaa garaagaraa akka hirmaatan eerameera.

Walga’ichi haala qulqullina barnootaa waliin gahuun danda’amurratti xiyyeeffachuun ni mari’ataan eegama.

Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa 37ffaan ammoo Sanbataa fi Dilbata dhufu Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.