Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Ityoophiyaa, Sudaan, fi Gibts gidduutti hidha ijaarsarratti gaggeeffamu kaleessarraa itti fufee jira

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) –  Waliigalteen Ityoophiyaa, Sudaan, fi Gibts gidduutti hidha ijaarsarratti gaggeeffamu kaleessarraa itti fufee jira.

 

Ministeerrii Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii FDRI waliigalticha ilaalchisuun ibsa baaseen, waltajjii kaleessaan biyyoonni sadeen guuttinsa bishaanii hidha haaromsaa fi raawwii hojii waggaa waliin walqabatee dhimmoota teeknikaa irratti xiyyeeffannoon waliigaltee taasisuu isaanii ibseera.

 

Oolmaa guyyaa kaleessaan marii kan taasisan seeraa fi qajeelfama adeemsa guutinsa bishaanii kan jalqabaa, goggiinsa waliin walqabatee bulchiinsa waqtii gogginsaa, nageenya hidhichaa fi naannoo hidhichaa fi qorannoo dhiibbaa hawaasummaa fa’i.

 

Haala hidhichaarratti waliigaltee biyyoonni sadan gaggeessaa jiran har’as itti fufee yoo ta’u, oolmaa  guyyaa har’an hidhichi waqtii bishaan qabatuu fi gara hojiitti wayita galu gogginsi yoo mudate bulchiinsa gogginsaa akka kami jiraachuu qaba jedhu irratti waliigaltee ni gaggeessu.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.