Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsi kaabaa karaa nagaan akka furamu qaamni hundi qooda isaa ba’uu qaba – Pireezidaanti Saahilawarq

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Walga’ii Waloo Mana Maree Federeeshinii fi Bakka Bu’oota Ummataarratti haasawa baniinsaa taasiisaniiru.

Bara 2014 keessa Ityoophiyaan taateewwan gurgurddoo hedduu keessummeessuu kaasaniiru.

Bara baajataa darbe keessa taateewwan siyaasaa, hawaasummaa fi guddinni diingdee mul’achuu ibsaniiru.

Faallaa kanaan sababa waraana kaabaan lammiileen hedduun ajjeefamuu fi buqqa’uu isaanii eeraniiru.

Rakkoo kana furuuf mootummaan irra deddeebiin garee shororkeessaa ABUTtiif waamicha nageenyaa dhiyeessaa turuu fi ammas dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Waraanni kun karaa nagaan akka furamu qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu gaafataniiru.

Tattaaffiin Gamtaan Afrikaa taasiisaa jiru bu’aa akka buusu abdii qabaachuu dubbataniiru.

Waliigalteen biyyaalessaa akka uumamu mootummaan haala mijeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.