Fana: At a Speed of Life!

Walloo Kibbaatti balaa tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 6 darbe

Finfinnee, Caamsaa 7, 2014 (FBC) – Godina Walloo Kibbaa aanaa Booranaa ganda 19tti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu ibsameera.

Konkolaataan deddeebisa uummataa ganama har’aa Makaana Salaamii gara Marxoolamaariyaamiitti namoota 26 fe’ee imalaa ture kufee garagaruun lubbuu namoota 6 galaafachuu Waajjirri Poolisii aanaa Booranaa ibseera.

Imaltoota 9 irra miidhaa cimaa, namoota 11 irra ammoo miidhaan qaamaa salphaa ga’uu ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni muul’isa.

Konkolaataan kun humnaa ol fe’uun wayita imalaa ture hallayyaa keessatti kufuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.