Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay eegalame

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC) – Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii baatii jahaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti eegalameera.

Gamaaggamichi har’a waaree booda kan eegalame yoo ta’u, raawwii hojii baatii jahaan darbanii qorachuun kallattiin hojii yeroo itti aanuu kan kaa’amu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsa Yeroo naannichaa Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.

Dhimmoota nageenyaa, hojii lammiilee buqqa’an deebisaanii dhaabuuf hojjetaman, haala kenniinsa deeggarsa namoomaa, akkasumas weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti hojiilee hojjetamanirratt mariin kan taasiifamu ta’uu beeksiisaniiru.

Dabalataan raawwiin hojii dhaabbilee mootummaa bulchiinsa yerichaa kan gamaaggaman ta’uu Dooktar Abrahaam kaasaniiru.

Waltajjicharratti hoggantoonni godinaalee fi Biiroolee bulchiinsa yeroo naannichaa argamaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.