Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin waloo gamaaggama raawwii hojii walakkaa waggaa Komishinii Ministiroota Itiyoo – Jibuutii 16ffaan waliigalteen xumurame

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC) – Waltajjiin waloo gamaaggama raawwii hojii walakkaa waggaa Komishinii  Ministirootaa Itiyoo – Jibuutii 16ffaan guyyoota 2’f gaggeeffamaa ture waliigalteen xumurameera.
Waltajjii kanaan tumsa hund galeessa biyyoota lamaanii, Invastimantii, daldala seeraan alaa naannawaa daangaa, daddabarsa namootaa, Geejjibaa fi Loojistiikii irratti bal’inaan mari’atamuu ibsameera.
Waltajjiin Komishinii Ministirootaa 17ffaa Baatii Adoolessaa 2016 Jibutiitti gaggeeffamuuf kallattii xiyyeeffannoo kaa’uun waliigalteen xumurameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.