Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Konfiraansii nageenyaa fi hariiroo naannoo Affaaritti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 3, 2014 (FBC) – Naannoo Affaar godina 5 aanaa Samuu Roobii fi naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa aanaa Qawaatitti waltajjiin Konfiraansii nageenyaa fi hariiroo naannoo Affaar magaalaa Komaameetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Ummattoota lamaan gidduutti guyya guyyaan walitti bu’iinsii fi adda addummaa muudataa akka ture himameera.

Garee shororkeessaa ABUT falmachaa kan turan uummattoonni Amaaraa fi Affaar, awwaalchaa diina keenyaarratti tokkummaa keenya ni cimsina jechuusaanii bakka buutonni uummattoota lamaanii ibsaniiru.

Sagantichi kadhataa abbootii amantaatiin eegaleera.

Saganticharrattis hoggantoonni godinaalee fi aanolee naannoo lamaanii, abbootiin amantaa, bakka buutoonni uummattootaa, dargaggoonnii fi kutaan hawaasaa garagaraa hirmaataa jiru.

Girmaa Nasiibuuru gabaase

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.