Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin leenjii hoggansa paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa guyyaa kaleessaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti eegalame

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Waltajjiin leenjii hoggansa paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa guyyaa kaleessaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti eegalame.

Leenjiin hoggansa paartii Badhaadhinaa kaayyoo qabsoo hidhachiisuu, danqaalee qabsoo har’aa fi egeree hubachiisuufi qophaa’ummaa qabsoo gonfachiisuuf qophaa’e kun guyyoota torbaaf kan kennamu ta’uutu himame.

Waltajjicha hasawaan kan banan miseensi Koree Hojii Raawwachistuu paartii Badhaadhinaa fi preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa, paartiin siyaasaa yaadamaa fi ilaalama fedhiifi gaaffii ummataa bu’uureffaterratti ijaarama jedhan.

Hojiin ijaarsa hoggansaafi miseensa Paartii ammoo yaadamaafi ilaalama paartiirratti hubannaafi iftoomina ga’aa uumuufi itti fufiinsaan hordofaa deemuu akka ta’e eeran.

Leenjiin marsaa tokkoffaa hoggansa paartichaa, leenjii leenjistootaa hoggansaafi miseensa paartichaa naannoo hanga gandaatti jiraniif bu’uura ta’uu ibsaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa gama isaaniitiin, danqaawwan qabsoo yeroo ammaafi gara fuula duraa sirnaan xiinxalaa deemuudhaan gahumsaan qabsaa’uuf gurmaa’iinsa paartiifi mootummaa cimaa qabaachuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Kanaaf ammoo, leenjiin ijaarsa dandeettii itti fufiinsa qabu akka barbaachisu eeraniiru.

Bifuma wal fakkaatuun, hogganaan damee paartilee siyaasaafi waldaalee hawaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simee leenjiin hoggansa paartichaa akka biyyaatti kennamaa jiru, galmoota tokkummaa ilaalchaafi gochaa uumuu, Paartii fi Mootummaa cimaa ijaaruu, Imala jijjiiramaa milkeessuun Badhaadhina dhugoomsuurratti kan fuulleffate ta’uu ibsan.

Beekumsiifi dandeettiin leenjichaan argamu ergama qabsoo wayitawaa bahachuudhaan imala badhaadhinaa boqonnaa hundaa milkeessuuf kan gargaaru ta’uu hubachiisaniiru.

Leenjichi har’arraa eegalee guyyoota torbaaf kan turu ta’uu sagantaa ba’e ni agarsiisa jechuun Biiroo Dhimmoota kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatu beeksise.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.