Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii “marii hammayyoomeen Boqonnaa abdii Haaraa’ jedhuun paarkii michoomaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2013 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa ayyaana injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa sababeeffachuun waltajjii marii qopheesseera.
Waltajjiin marii kunis mata duree “marii hammayyoomeen Boqonnaa abdii Haaraa’ jedhuun paarkii michoomaatti gaggeeffama jira.
Marii kanarrattiis Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee, Ministirri nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamil hooggantootni ol aanoon, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa,hayyoonni,qaamoleen hawaasa gara garaa naannolee biyyattiirraa argamaniiru.
Ministirri Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamil injifannoon Adawaa irratti argame injifannoo abbootiin keenya aarsaa lubbuu itti kaffalanidha.
Dhaloonni kunis garaa garummaa jiru dhiphisuun muuxannoo injifannoo Adwaa fudhachuun biyya nageenyi ishee mirkanaa’e uumuuf gaheesaa bahachuu qaba jedhan.
Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee abbootiin keenya biyyattii weerartootarraa bilisa gochuuf aarsaa ta’uun injifannoo argamsiisan; hojiin kunis bilisummaaf karra baneera jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.