Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Oostiriyaa magaalaa Veeynaatti gaggeeffama jira

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Waltajjiin marii mata duree ga’een Saayinsii, Teeknooloojii fi Innoveeshiniin galtee misoomaaf jedhuun Oostiriyaa magaalaa Veeynaatti gaggeeffama jira.

Waltajjichi galtee misoomaa milkeessuf miseensoonni biyyoota Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveshinii haala turerratti mari’achuuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin kan qophaa’edha.

Akkasumaas faayida teeknooloojiin misooma biyyaaf qaburratti mari’achuun kallatti imaammataa kaa’uu fi dandeetti miseensa biyyoota Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveshinii adda baasuun deeggarsa cimaa taasisufi jedhame.

Waltajjii marichaarratti Ministeera Saayinsii fi Barnoota olaanootti Daayreektarri waliigalaa Dhimmoota Qorannoo Dooktar Salamoon Binooriin dabalatee dhaabbileen mootummaa, miseensoonni gamtaa Awurooppaa fi hoggantoonni mootummaa affeeramani biyyota 30 irraa hirmaataniiru.

Waltajjichi guyyoota lamaaf kan itti fufu ta’uu ragaan Ministeera Saayinsii fi Barnoota olaanoorra arganne ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.