Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii waloo siyaasaa Ityoo –Biraaziil 2ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) – Waltajjiin marii waloo siyaasaa Ityoo –Biraaziil 2ffaan gaggeeffameera.
Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi gitni isaanii Biraaziil Ambaasaaddar Keeneet Diinooriingaan kan irratti hirmaatan mariin siyaasaa waloo biyyoota lamaanii dhimmoota naannawaa fi idil addunyarratti xiyyeeffachuun gaggeeffameera.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dhimmoota marii sadee, filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa, waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaanii fi haala waqtawaa naannoo Tigraayirratti ibsa laataniiru.
Ityoophiyaan dameewwan misoomaa garaagaraan Biraaziil waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.
Ambaasaaddar Keeneet Diinooriingaan gama isaanii Biraaziil hariiroo Ardicha waliin qabdu guddisuuf Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka barbaaddu ibsaniiru.
Biyyi isaanii qonnaa ammayyaa fi damee Invastimantii Agroo Proosasiingiirratti bal’inaan hojjechuuf qophii ta’uu himaniiru.
Haala damee nageenyaa fi haqaarratti tumsaan hojjechuun danda’amurratti marii taasiisaniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroo dippiloomaasii waggoota 70 lakkoofsiise qabaachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.