Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin waloo manneen maree naannoolee sadii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Waltajjiin waloo manneen maree naannoo Oromiyaa, Afaarii fi Amaaraa magaalaa Samaraatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin sadee kun qopheessummaa mana maree naannoo Afaariin gaggeeffamaa jira.

Manneen maree kunneen sanada waliigaltee walii mallatteessan bu’uura godhachuun walitti dhufeenya ummattootaa, walitti bu’iinsa ittisuu fi hiikuu, akkasumas ijaarsa dandeettii irratti haala waliin hojjechuu danda’an irrati mari’ataa jiru.

Hojiilee hanga ammaatti waliin hojjetan irratti rakkoolee qunnamanii fi furmaata isaa, yeroo itti aanu dhimmoota irratti waliin hojjechuu qaban irratti marii taasisuun kallattii ni kaa’u jedhameet eegama.

Waltajjii waloo manneen maree kana irratti itti aantuun af yaa’ii Caffee Oromiyaa, af yaa’iin mana maree Afaarii fi af yaa’iin mana maree naannoo Amaaraa argamaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.